…… ISA SI HARKAA RUKUTAMEEF HIN GADDIIN …..
.
Loltuu tokkotu lafa Onaa aduun isaa baay’ee gubu keessa adeema. Namni kun otuma adeemuu bishaanii fi wanti inni qabatee bahe harkaa dhume. Ammas otuma adeemuu dheebotes, beela’es. Erga abdii fixee booda gaara tokko argee jala taa’uuf murteesse. Yommuu gaara kana jala gahu, bishaan xiqqoo gadi ” xaph xaph ” jettu argee gammade qodaa bishaan isaa fuudhee qeenfachuu jalqabe. Otuu kuufachaa jiruu, Allaattiin tokko huursaa dhufee harkaa rukutee dhangalaase. Ammas namni kun qodaa sana fuudhee aarii guddaatiin bishaan kuufachuu eegale. Ammas Allaattichi huursaa dhufee harkaa rukutee dhangalaase. Loltuun kun baay’ee waan aareef sadaffaa irratti harka tokkoon cuubee / Albee / karaa lamaan qarame qabatee, harka tokkoon qodaa bishaanii qabatee bishaan kuufachuu eegale. Allaattichi akkuma amala isaa harkaa rukutuuf yeroo dhufu, cuubee sanatti diramee du’e.
.
Loltichi gaara sana yaabee burqaa bishaanichaa ilaaluu barbaade. Yommuu gaariicha yaabbatu wantichi burqaa bishaanii otuu hin taane, mar’ataa summii nama ajjeesu qabu tokkotu arraba isaa gadi baasee cocophsaa ture. Loltuun kun achi dhaabbatee waa’ee Allaattichaa yaadatee boo’uu jalqabe. Allaatichi du’a isa oolchee, ofii du’e isaan du’a oolche du’uu hin qabu ture. gadi bu’ee Allaaticha boo’ee awwaale.
.
❖ Wanti hundumtuu yaada Waaqayyoon ala kan ta’u hin jiru. Kanaaf isa si harkaa rukutaamef maalif akkas ta’e jettee hin gaddiin. wanti haaraan waa’ee keef jira Abdii hin kutatiin! #Ameen
.
Barumsa Dabalataaf #Pagi kana #Like gochuun na hordofaa! Hiriyyoota keessanifis #Share, #Like akka gootan jaalala gooftaatin isiinan gaafadha!

Eebbifamaa!

Abrii


Leave a comment

Design a site like this with WordPress.com
Get started